Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Shawaal Iid Hambaa Addunyaa ta’uun galmaa’e

Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)-Ayyaanni Shawaal Iid hambaa Kiliyyaa ta’auun Dhabbata Barnootaa Saayinsii fi aadaa Dhabbat Mootummoota Gamtoomaniitti (UNESCO) galmaa’e.

Ayyaanichi UNESCO’tti galmaa’uun hambaa 5ffaa Itiyoophiyaan galmeessiste ta’uun ibsameera.

Duudhaalee Itiyoophiyaan qabdu keessaa Ayyaanni Shawaal Iid hambaa addunyaa ta’uun galmaa’uunsaa yaa’iisa tuuristootaa dabaluu bira darbee maqaa gaarii biyyattii ijaaruuf gumaacha kan qabu ta’u ragaan Komunikeeshinii Naannoo Harariirraa argame ni mul’isa.

Dabalataan naannichi giddugaleesa tuuristii akka guddisu, fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf gumacha akka qabaatu ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.