Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Qillee sodaa nageenyaa malee nagaan akka kabajamu qophii ga’aan taasiifame – Humna Waloo nageenyaa

Finfinnee, Mudde 27, 2015 (FBC) – Ayyaanni Qillee fi Cuuphaa yaaddoo nageenyaa malee nagaan akka kabajamu qophii ga’aan taasiifamuu Humni Waloo nageenyaa fi Tikaa ibseera.

Humni Waloo nageenyaa fi Tikaa walga’ii har’a gaggeesseen haala nageenya walii galaa magaalaa Finfinnee fi naannawaa ishee gamaaggameera.

Hojiilee hanga ammaatti hojjetameen meeshaaleen waraanaa gochaa shororkeessummaaf ooluuf turan hedduun shakkamtoota waliin to’atamuu gamaaggamichaan mirkaneesseera.

Ammas farreen nageenyaa karaa gurmaa’een balaawwan garaagaraa qaqqabsiisuuf hojjechaa jiraachuu isaanii ragaan dhiyaate kan mirkaneessu ta’uu ibseera.

Humnichi ayyaanni Qillee fi Cuuphaa tibbana kabajamanii fi taateewwan biyyaalessaa yaaddoo nageenyaa malee nagaan akka kabajamaniif qophii barbaachisu taasiisuu himeera.

Farreen nageenyaa hordoftoota amantaalee gidduutti walitti bu’iinsa uumuuf ajandaa bocanii miidiyaalee garaagaraan tamsaasaa jiraachuu humnichi gamaaggama taasiiseen bira ga’uu eereera.

Oppireeshinii gaggeeffameen meeshaalee waraanaa fi shakkamtootaa to’annoo jala oolaniirratti qorannoo taasiisuun bu’aa isaa yeroo itti aanu hawaasaaf kan ibsu ta’uu beeksiseera.

Hawaasni naannoo isaa qaamolee nageenyaa waliin ta’uun eeguu akka qabu,deeggarsaa fi tumsa barbaachisu akka taasiisu waamicha dhiyeesseera.

Wantoonni shakkisiisoon yoo muudatan karaa lakkoofsa bilbilaa 011-1-11-01-11,251115-52-63-03,251115-52-40-77,251115-54-36-78 fi 251115-54-36-81 akkasumas sararoota bilbila bilisaa 987,991 fi 816 eeruu laachuu akka qaban himeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.