Ayyaanni Qillee nagaan akka kabajamuuf qaamoleen nageenyaa qophii duraa xumuruun gara hojiitti galaniiru-Poolisii
Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC)- Ayyaanni Qillee nagaan akka kabajamuuf qaamoleen nageenyaa qophii duraa xumuruun gara hojiitti galaniiru jechuun Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Qaamoleen nageenyaa karoora waloon baafachuun hojii ittisa yakkaa fi balaa tiraafikaa xiyyeeffanoon adda laachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Bakka hawaasni itti heddummaatuu buufatalee konkolaataatti yakkoota raawwatamaan ittisuuf poolisiin bobba’eera jedhame.
Ayyaanni Qillee bara kana karaa nagaatin akka kabajamuuf jirattoonni magaalichaa tumsa baratamee akka taasisuu poolisiin waamicha dhiyeesseera.
Hawaasni tajaajila poolisii argachuufis ta’ee dhimmoonni shakkisisoon wayita muudatan eeruu laachuuf sararoota bilbilaa bilisaa 991 ykn kanneen armaan gadii fayyadamuu akka danda’aan ibsameera
- Odeeffannoo Poolisii Magaalaa Finfinnee 011-1-1-01-11
- Qajeelcha Kutaa Magaalaa Addis Katamaa 011-2-73-37-43
- Qajeelcha Kutaa Magaalaa Araadaa 011-1-57-34-26
- Qajeelcha kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo 011-3-71-77-53
- Qajeelcha Kutaa magaalaa Gullallee 011-1-57-50-59
- Qajeelcha kutaa magaalaa Lidataa 011-5-15-37-60
- Qajeelcha Kutaa magaalaa Yakkaa 011-6-18-13-39
- Qajeelcha kutaa magaalaa Qirqoos 011-5-52-80-44
- Qajeelcha kutaa magaalaa Boolee 011-6-67-47-18
- Qajeelcha kutaa magaalaa Nifaas Silki Laftoo 011-4-40-07-92
- Qajeelcha kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallitti 011-4-39-14-38
- Qajleechaa kutaa magaalaa Lammii Kuraa 011-6-39-10-24 sararoota bilbilaa kanneen fayyadamuu akka danda’aan ragaan Poolisii magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.