Ayyaanni Qillee nagaan akka kabajamu qophii barbaachisaa taasisuu Polisiin beeksise
Finfinnee, Mudde 26, 2015 (FBC)-Ayyaanni Qillee nagaan akka kabajamu qophii barbaachisaa taasisuu Komishiniin Polisii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Ayyaana Qillee Sanbata dhufu kabajamu ilaalchisuun Daayrektarri quunnamtii ummataa Koomishinii Poolisii Finfinnee Ittaanaa Komaandaraa Maarqoos Taaddasaa ibsa kennaniin, ayyaanotaa kabajaman dabalatee Yaa’ii Dureewwanii Gamtaa Afriikaa gaggeeffamuuf eegumsa nageenyaaf qophii barbaachisaan taasifameera jedhan.
Taateewwan kanneeniif qaamoleen nageenyaa karoora guyyoota 60 baasuun hojiitti seenuu ibsaniiru.
Wayita ayyaanaattis daddabarsa maallaqa sobaa dabalatee yaaliin yakkoota garaagaraa jiraachuu waan malaniif, keessumaa naannawaa gabaatti hawaasni eeggannoo barbaachisa akka taasisu hubachiisaniiru.
Naannawaa bashannanaa dabalatee bakkoota sochiin ummataa baay’atutti of eeggannoon socho’uu barbaachisa jechuun dhaamuu Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa gabaaseera.
Balaa tiraafikaa ittisuufis to’annoo fi hordoffii poolisoonni tiraafikaa taasisanitti dabalataan konkolaachistoonni eeggannoon konkolaachisuu akka qaban himaniiru.
Naannawaa kamittuu wantoonni shakkisiisoon wayita mudatanitti buufata poolisii itti dhiyeenyatti yookaan karaa toora bilbilaa 011-1-11-01-11 fi tooraa bilisaa 991’n bilbiluun eeruu akka kennan gaafataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.