Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Moolidaa Nabiyyuu Mahaammad 1495ffaa bakka amantoonni muraasni argamanitti Masjiida Anwaaritti kabajama

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2013 (FBC) –Ayyaanni Moolidaa Nabiyyuu Mahaammad 1495ffaa bakka amantoonni muraasni argamanitti Masjiida Anwaaritti kabajama.

Manni Maree Olaanaan Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee Ayyaanni Moolidaa Nabiyyuu Mahaammad 1495ffaa bakka amantoonni muraasni argamanitti Masjiida Anwaaritti akka kabajamu ibseera.

Preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis Ayyaana Moolidaa 1495ffaa ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis Ayyaanni Moolidaa kan kabajamu barsiisaa Nabiyyuu Mahaammad raawwachuu fi fakkeenyumma isaniin itti fufun ta’uu himaniiru.

Dabalataan Itti Aanaan Preezdaantii Mana Maree Olaanaan Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee Sheeh Alii Mahaammad Shiif erga baga geessanii dabarsaniiru.

Wayita kana jiraattoota 100 ta’aniif sirna sagantaa maaddii gaggeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.