Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Mawulidaa 1499ffaan guyyaa boru kabajama

Finfinnee, Fulbaana 4, 2017 (FBC)-Ayyaanni Mawulidaa 1499ffaan guyyaa boru kan kabajamu ta’uu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa beeksise.

Ayyaanichi wayita kabajamu hojiilee gaarii Nabbiyyuu Mahaammad hojjetan yaadachuu ta’uu akka qabu Walitti Qabaan Koree Kabaja Ayyaana Mawulidaa Sheek Abdulhamiid Ahimad ibsaniiru.

Hawaasni Muslimaa wayita Ayyaanicha kabaju namoota rakkataan deeggaruu fi harka qalleeyyii gargaaruun ta’uu akka qabu dhaamaniiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.