Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Masqalaa duudhaaleef barsiifata galaa ta’an hedduun kan guutamedha-Obbo Kaffaaloo Tafarraa

Finfinnee, Fulbaana 16, 2017(FBC)-Ayyaanni Masqalaa duudhaaleef barsiifata gaggaarii imala keenya har’aatiif galaa ta’an hedduudhaan kan guutamedha jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira paartii badhaadhinaa Damee oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa.

Obbo Kaffaaloon Hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga ayyaana Masqalaa bara 2017 tiin nagaan ittiin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

Iyyesuus Kiristoos dhala namaatiif jecha garaa garummaa tokko male du’aaf dabarsee aarsaa kan itti of kenne fannoon kiristoos argamuu isaa yaadachuudhaan hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti sirnoota garaa garaatiin kan kabajamu ayyaanni Masqalaa duudhaalee gaggaarii jaalalaafi tokkummaa cimsan akkasumas dhugaaf amanamuu barsiisan hedduu of keessatti hammattee gammachuu olaanaadhaan kan kabajamudha.

Waqtii booruun gannaa calalee ifti birraa itti mul’atu, dacheenis magariisummaan miidhagee, ililliin misee daraaree faaya addaa goonfatutti kan kabajamu ayyaanni Masqalaa sona amantii fi aadaatiin faayamee tokkummaaf heddummina lammiileetiinis dabaalamee kan kabajamu ta’uun isaa ammoo caalmaatti hawwiifi abdii cimaadhaan akka eegamu isa taasisa.

Kabajamtoota uummata naannoo fi biyya keenyaa,

Ayyaanni Masqalaa duudhaaleef barsiifata gaggaarii imala keenya har’aatiif galaa ta’an, boqonnaa irratti argamnuufis bu’uura kaa’an hedduudhaan kan guutamedha.

Aarsaan Iyyessuus Kiristoos ilmaan namaatiif jecha kaffales kaayyoo dhugaatiif kutannoodhaan dhaabbachuu fi obsaan qormaata tarkaanfachuu, garaa garummaaf jibbaa maqsuudhaan jaalala dhugaa waliif gumaachuun daandii qajeelummaa ta’uu agarsiisa.

Barsiifata gaarii guyyaan kun nu dhaalchise qixa sirrii ta’een hubannee anniisa galmoota keenya ittiin dhugoomsinu godhachuun barbaachisaadha.

Mul’ata akka biyyaatti qabanne dhugoomsuuf qormaatilee imala keenyaa cichoominaan tarkaanfachuu, tokkummaaf obbolummaa dhugaa qajeeltoo godhannee galma walootiif dhaabbachuun murteessaadha.

Fuuldurri keenya ifatti kan qajeele, imalli keenyas milkiin kanguutame akka ta’uuf har’as akkuma kaleessaa dhimmoota walooma keenya qoran qindoominaan maqsinee, jaalala fi dhiifamaan rakkoo furuun qindoominaan biyyaaf tumsuu qabna.

Hundaa olitti ammoo bu’uura waliin jireenya keenyaa kan ta’e heddummina keenya qixaan kunuunsinaa miira biyyaalessummaa ol’aanaadhaan socho’uun gahee hunda keenyaa ta’uu qaba.

Ayyaana kanas yemmuu kabajnu duudhaalee gaggaarii jiran kunuunsinee kan qabnurraa dhabaaf arjoomuun madda gammachuu waliif ta’uu, wal tumsuu fi wal cinaa dhaabbachuun gamatti nageenya naannoo keenyaa dammaqinaan tikfachaa, hojiilee misooma akka biyyaatti eegalaman caalmaatti milkeessuuf waadaa keenya haaromfachuu qabna.

Xumura irrattis ayyaanichi kan gammachuu itti argattan maatii fi hawaasaan, naannoo fi biyyaan itti milkooftan akka isiniif ta’u hawwiin qabu ibsuun barbaada.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.