Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa Booroo Shinaashaa kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC) – Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa Booroo Shinaashaa  “Gaarii Wooroo” jedhamuun beekamu kabajamaa jira.

Ayyaanich bakka Pireezidaantii naannichaa obbo Ashaadilii Hasan dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannichaa argamanitti kabajamaa jira.

Ayyaanichi mata duree “ dhiifama, waliin jireenyaafi nageenya keenyaaf” jedhuun kabajamaa kan jiru yoo ta’u, adeemsi ayyaanichaa duudhaa aadaa karaa eegeefi hedduumina kan calaqqisiisu ta’uu Ittaantuun Afyaa’ii Mana Maree naannichaa Aadde Alamnash Yibaas eeraniiru.

Ayyaanichi magaalaa Asoosaatti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.