Ayyaanni Irreechaa Hora Harsadee kabajamaa jira
Finfinnee, Fulbaana 23, 2014 (FBC)- Ayyaanni Irreechaa Hora Harsadee magaalaa Bishooftuutti haalaa miidhagaa ta’een kabajamaa jira.
Irreechi Duudhaa Kadhannaa ykn Galateeffannaati.
Irreechi bakka itti boo’an, bakka itti walirra baaran, bakka jeequmsaa osoo hin taane, bakka garaa qulqulluun, haaloo ykn gadoofi hijaa baafannaa tokko malee Waaqa itti kadhatan ykn itti galateeffatanidha.
Irreechi bakka waan dhaban ykn waan rakkataniifi yaadda’an itti kadhatan, bakka ammoo waan argatan ykn itti milkaa’aniif Waaqa tokkicha itti galateeffatanidha.
Oromoon waqtiin Bonaa yoo hammaatu, gogiinsi yoo hammaatu, roobni yoo dhabame, hamtuun yoo uumamte, waan hawwe tokko yoo dhabe, rakkinni kamiyyuu yoo isa mudate, ulfoowwan isaa kanneen akka Kallachaa, Caaccuu, Bokkuu, Siiqqee, Gaadiifi Ciicoo qabatee Tulluu ykn iddoowwan Uumama Ulfootti bahee Waaqa isaa kadhata.
Arfaasaan nagaan akka roobuuf kadhata. Waan dhabe ykn hawwe tokko Waaqayyo akka isaaf kennu ykn guutuuf kadhata.
Oromoon Tulluu ykn Uumama Ulfoo irratti garaa qulqulluudhaan bahee, eebbifatee, ariirratee qalatee, “Yaa Waaqi nuu roobi, nu uumtee nu hin hubiin, nuu kennitee nurraa hin fudhatiin, sa’aaf namaan nu eegi, waatii maatiin nu eegi, biyya keenya nagaa godhi, kan hir’ate nuuf guuti,” jedhee kadhata.
Oromoonis Tulluutti ykn iddoowwan Uumama Ulfootti bahee, Waaqa isaa kadhatee, rooba dhabee hin beeku; waan akka ta’uuf kadhates ni argata. Kunis Irreecha Tulluu jedhama.
Gama biraatiin Irrechi Malkaa, kan waqtii Birraa gaggeeffamu Oromoo biratti iddoo olaanaa kan qabudha. Akkuma beekamu waqtiin Gannaa waqtii baay’ee ulfaataa ta’edha. Roobni hamaanifi yandoon, cabbiifi dhoqqee hamaan kan itti baay’atudha. Lagni guutee firriifi maatiin kan walirraa fagaatu waan ta’eef, waqtiin Gannaa kun darbee Birraan yoo bari’u, Oromoon fagoofi dhiyoo jiran gamtaan walga’anii Waaqa dukkana Gannaa isaan baasee, booqaa Birraatiin isaan gahe Malkaatti bahuun galateeffatu.
Waaqa waan hundaa uumee, waan hunda jala isa dabarse, waan hundaas isaaf oole kana garaa qulqulluudhaan galateeffachuun araaraa gaafatu. Oolmaa Waaqayyoos leellisuun himu. Birraan bari’es kan milkii, kan waan facaafatan nagaan itti haammatanii nyaatan akka isaan ta’uuf kadhatu.
Kanaaf, Irreechi duudhaa kadhannaa ykn galateeffannaa guddaa kan ofkeessaa qabudha jechuun ni danda’ama.
Bu’uruma kanaan Irreechi Hora Harsadee kan bara 2014 uffataa aadaa Oromoottin faayame akkaataadhuma duudhaasaatiin hirmaattootaan kabajamaa jira.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.