Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Irreechaa duudhaa isaa eegee akka kabajamuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC) – Ayyaanni Irreechaa duudhaa isaa eegee rakkoo tokko malee akka kabajamuuf qophiin xumuramuu Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa beeksiise.
Ummanni Oromoo garaagarummaa malee tokkummaan ba’ee waaqa isaa akka galateeffatuu fi Ayyaannichi Duudhaa Aadaa eeguun akka kabajamuuf qophiin barbaachisu xumuramuu ibseera.
Ayyaanni Irreechaa ayyaana ummanni oromoo garaagartee tokko malee tokkummaan ba’uun uumaa isaa galateeffatu ayyaana jaalalaa fi nagaa ta’uu ogeessi eeggumsa fi qorannoo hambaalee obbo Sintaayyoohu Tolaa eeraniiru.
Ayyaanni kun duudhaa aadaa isaa eegee akka kabajamu qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 22 Finfinneetti,  Arsadiin Fulbaana 23,2014 Bishooftuutti kan kabajamu ta’uu ibsamuun ni yaadatama.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.