Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Irreechaa ayyaana uumaan itti galateeffatamudha –Abbootii Gadaa

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) –Ayyaanni Irreechaa ayyaana waan uumaan uumamaaf godhee hundaa kan itti galateeffatamu, ayyaana nagaa fi obbolummaan itti calaqisifamu ta’uu Abbootiin Gadaa ibsan.

Irreechi Hora Finfinnee fi Harsadiitti Sanbataa fi Dilbata dhufu kabajama.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana sirna gadaa waliin hidhata cimaa qabu yoo ta’u uummata Oromoon waggoota hedduuf kabajamaa kan turedha.

Ayyaanichi ayyaana ganna gurraacha darbuun booqaa birraatti ce’uu sababeeffachuun galateeffannaaf kabajamu ta’uu Abbootiin Gadaa TOI dubbise himaniiru.

Ayyaanni Irreechaa kan kabajamuuf oolmaa uumaan dhala namaaf ooleef galateeffachuu fi gara fuula duraatti ta’uuf jiruuf kadhaan kan itti dhihaatu ta’uu ibsaniiru.

Ayyaanicharratti garaagarummaa tokko malee sabaa fi sablammoonni waloon kan kabajanii fi walitti dhufeenya isaanii kan ittiin cimsatan ta’uu eeraniiru.

Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Abbaa Gadaa Abdularaazaaq Ahimad, Ayyaanni irreechaa ayyaana barri haaraan kan nagaa, jaalalaa, milkaa’inaa fi badhaadhinaa akka ta’u itti lallabamudha jedhaniiru.

Namoonni ayyaanicharratti hirmaatan walitti bu’insa xiqqollee yoo qabaatan jalqaba araaramanii ta’uu akka qabu himaniiru.

Haaloon qabatamee bakka Irreechaa akka hin dhaqamnes kaasaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.