Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni injifannoo gootota Ityoophiyaa waggaa 79ffaa guyyaa har’aa kabajameera.

Finfinnee, Eebila 27, 2012 (FBC) – Ayyaanni injifannoo gootota Ityoophiyaa waggaa 79ffaa guyyaa har’aa kabajameera.

Sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hogganaa Qindeessaa Klaastara Hawaasummaa fi Biiroo Daldalaa fi Indaastirii Injinaar Indaawaq Abbitee, goototnii fi maatiin gootaa Finfinnee addabaabayii Daalaatiitti kan argamu siidaa injifannoo jala abaaboo kaa’aaniiru.

Preezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdee ayyaanicha ilaalchisuun guyyaa kaleessa erga baga geessan dabarsaniin sodaa COVID-19n akkataa baratameen ayyaanicha kabajuu yoo dadhabne illee yaaddachuu akka qabnu himaniiru.

Preezdaanti Saahilawarqi vaayrasii koroonaarraa of eeguun ummanni Ityoophiyaa hundi tokkumaa guddina biyya isaaniif akka hojjetan ibsaniiru.

Goototnii fimaatiin goototaa ayyaanicharra argaman vaayrasii koroonaa ittisuun guddina biyyaa keenyaaf cimnee haa hojjennu erga jedhu dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.