Ayyaanni injifannoo Adwaa 127ffaan Riqicha Adwaa kabajamaa jira
Finfinnee, Guraandhala 23, 2015(FBC)- Ayyaanni yaadannoo injifannoo Adwaa 127ffaan Finfinnee Riqicha Adwaa irratti, bakka anga’oonni Mootummaa fi Gootonni argamanitti haala ho’aa ta’een kabajamaa jira.
Sirna kabajaa kana irratti kan argaman Birgaader Jeneraal Mulgeetaa Ambaachoo, gootonni Ityoophiyaa dhiiga isaaniin galmee seenaa barreessaa, lafee isaaniitiinis riqicha ta’uun dhaloota gabrummaa irraa gara bilisummaatti ceesisaa nuun ga’aniiru jedhan.
Sirna kana irratti agarsiisni raayyaa ittisa biyyaa taasifameera.
Dinqaa Baacaa’tu gabaase.
#Ityoophiyaa #Adwaa #Injifannoo
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.