Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni injifannoo Adwaa 127ffaan guyyaa har’aa sagantaalee garaagaraan ni kabajama

Finfinnee, Guraandhala 23, 2015(FBC)- Guyyaan injifannoo Adwaa 127ffaan guutuu biyyattiitti sagantaalee garaagaraan kabajamee oola.

Ayyaanichi magaalaa Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii garaagaraatti gootota biyyaaf wareegamaniifi injifannocha yaadachiisaniin kabajamee oola.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ayyaanicha ilaalchisuun ibsa guyyaa kaleessaa kennaniin, kutaalee biyyattii keessa naannawamee osoo barbaadamee dacheen abbootii waraana Adwaarratti hirmaatan hin biqilchine hin jiru jedhaniiru.

Adwaan rakkoon xaxamanii hafuu nu hin barsiisne, rakkoo akka carraatti lakkaa’uun keessa ce’uu malee jedhan.

Kaleessarra borurratti yoo xiyyeeffanne, wanta hunda Ityoophiyaa gadi yoo taasisne, tokkummaa sab-daneessummaa keenya yoo cimsine rakkoon akka hurrii nutti marse akka aaraa tamsa’ee bada jedhan.

Yeroo kana hiyyummaafi booddeetti hafummaafi walqoodiinsaa irratti injifannoon Adwaa kan irra deebi’amu ta’uu ibsaniiru.

# Ityoophiyaa #Adwaa #Injifannoo

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.