Ayyaanni Iid-Alfaxiir waggaa 1443ffaan Magaaloota Naqamtee, Dirree Dawaa fi godina Baaleetti kabajame
Ayyaannichi Magaalaa Naqamteetti bakka itti aanaan Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii argamanitti kabajameera.
Obbo Awwaluu Abdii, hordoftoota amantaa Islaamaa Magaalaa Naqamtee fi naannoosheetiin baga guyyaa ayyaana Id-Alfaxiir waggaa 1443ffaatiin nagayaan isin gahe jedhaniiru.
Kana malees, tokkummaa keessoo keessanii eeggachaa jaalala, tokkummaa amantaafi hawaasa biroo waliin qabdan cimsattanii biyya kana ceesisuu qabdu dhaaman obbo Awwaluun.
Bifuma wal fakkatuun magaalaa Dirree Dawaatti ayyaanichi kabajameera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.