Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Iid Al Adahaa 1443ffaan nagaan xumuramuu Poolisiin Federaalaa ibse

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Ayyaanni Iid Al Adahaa 1443ffaan guutuu biyyattiitti rakkoo nageenyaa tooko malee kabajamee  xumuramuu Poolisiin Federaalaa beeksiseera.

Poolisiin federaalaa uummata of cina hiriirsuuniifi dhaabbilee nageenyaa biroo waliin ta’uun ayyaanichi jalqabee hanga xumuramutti hojii nageenya uummataa kabachiisuu ga’umsaan ba’achuu ibseera.

Ibsa poolisiirraa kenname ilaalcha keessa galchuun ayyaanichi nagaan eegale hanga xumuramutti deeggarsa uummanniifi qaamoleen nageenyaa taasisaniif galateeffachuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.