Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa haala hoo’aa ta’een kabajamaa jira
Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) – Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa Uummata Sidaamaa Fiichee Cambalaalaan sirnoota garaagaraan haala hoo’aa ta’een kabajamaa jiraachuu ibsameera.
Ayyaanichi guyyaa kaleessaa eegalee agarsiisa aadaa garaagaraa kanneen akka horee, faaroo, qeexaalaa, guugsii fardaa fi kanneen biroon kabajamaa ooleera.
Guyyaa har’aas Cambalaalaan bakka ummanni bal’aan argametti sirnoota garaagaraan addabaabaayii Gudumaaleetti kabajamaa jira.
Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa ayyaana nagaa, jaalala fi tokkummaa ta’uu ibsameera.
Kabaja ayyaanaa kanaarratti hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannolee hirmaachaa jiraachuu eerameera.
Sirni kabaja Ayyaana Fiichee Cambalaalaa bara 2008 hambaalee Kiliyaa ta’ee UNESCOtti galmaa’uun isaa kan yaadatamudha.
Birihaanuu Bagaashawutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.