Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Fannoo Iyyasuus Kiristoos kabajame

Finfinnee, Eebla 6, 2015 (FBC) –Ayyaanni Fannoo Iyyasuus Kiristoos hordoftoota Amantaa Kiristiyaanaan kabajame.

Hordoftoonni Amantaa Ortodoksii Waloomaa, Kaatoolikii fi Hordoftoonni manneen Amantaa Gamtaa Wangeelootaa jalqaba guyyaa torbee dhukkubbii eegalanii sagada,soomaa, kadhannaa fi faaruwwan garaagaraan ayyaana Fannoo Iyyasuus Kiristoos kabajameera.

Guyyaa kana kutaaleen Kitaaba Qulqulluu dubbifamaa gochaawwan Fannoo Iyyasuus Kiristoos yaadatamaa oolu jedhame.

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Fannoon Kiristoos Iyyasuus dhala namaa cubbuu keessa kuferraa qulqulleessuuf guyyaa itti aarsaa ta’e jechuun yaadatu.

Guyyaa itti Iyyasuus jaalala dhala namaaf qabu mul’isuuf fannoorratti fannifamee du’e ta’uu isaan hordoftoonni amantichaa yaadannoowwan garaagaraan kabakaju.

Ashannaafii Shibbiruu fi Qiddisti Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.