Ayyaanni Diishtaa Giinaa kabajamaa jira
Finfinnee,Mudde 1, 2017 (FMC) – Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti ayyaana bara haaraa saba Aarii kan ta’e ayyaanni Diishtaa Giinaan Magaalaa Jiinkaatti kabajamaa jira.
Ayyaanni kun mata duree ‘Diishtaa Giinaa Nageenyaaf, Waloomaa fi Misoomaaf’ jedhuun kabajamaa jira.
Ayyaanni kun erga Dirreetti kabajamuu eegalee bara kana yeroo 9ffaaf kabajama.
Pireezidaantii Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbadaa dabalatee hoggantoonni mootummaa naannichaa sadarkaan jiran, jaarsoliin biyyaa fi kutaaleen hawaasaa saganticharratti argamuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa..
#Oromia #Ethiopia