Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Daamaraa Masqalaa fi Irreechi nagayaan akka kabajamu qophiidha- Koomiishinii Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) – Koomiishiniin Poolisii Federaalaa ayyaanni Daamaraa Masqalaa fi Irreechi nagayaan akka kabajamu qophii xumuruusaa beeksise.
Koomiishinichi humnootiin nagaa booressuuf qophaa’an, ayyaannan lamaan nagayaan akka hin kabajamne; socho’an jiraachuu ragaan qaba jedheera.
Yaata’uutii poolisiin nagaa kabachiisuuf qophii ta’uu Janaraal Koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaw beeksisaniiru.
Ayyaanni Daamaraa Masqalaa fi Irreechi weerara vaayrasii koroonaaf akka hin saaxilamnetti of eeggannaan akka kabajamuu qabanis yaadachiisaniiru.
Abbootii amantaa, abbootii Gadaa fi jaarsolii biyyaa waliin mariin taasifamee waliigalteerra ga’amuus ibsaniiru.
Hirmaataan kamuu baajii laatame godhachuu akka qabu ibsan janaraal koomiishinarichi.
Kana kan hin qabaanne gara kabajichaa seenuu akka hin dandeenye, poolisiin eegumsa kan taasisu ta’uu eeraniiru.
Fulbaana dhumaan booda mootummaan hin jiruun ummanni fincilaaf akka kaka’u gochuun bu’uura seeraa hin qabu, poolisiin qaamolee nageenya booressuuf socho’aniif obsu hin qabu jedhan.
Haaylamikaa’eel Deebisaatu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.