Ayyaanni Cuuphaa sirna Amantiirra darbee tokkummaa ummaataa kan cimsuudha–Qajeelaa Mardaasaa
Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC)- Ayyaanni Cuuphaa sirna amantaarraa darbe tokkummaa fi hariiroo ummataa kan cimsu ta’uu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa ibsaniiru.
Obbo Qajeelaan Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun ibsa kennaniiru.
Ibsa Isaaniin, Ayyaanni Cuuphaa sirna amaantaarran darbe tokkummaa fi hariiroo ummataa kan cimsuudha jedhaniiru.
Ayyaanicharratti duudhaaleen aadaa kan itti calaqqisiifamu ta’uu eeruun, duudhaalee tokkummaa ummataa cimsaan eeguun barbachisaa ta’uu ibsaniiru.
Ayyaanichi tuuristootaa garaa biyyattiitti kan hawatu waan ta’eef ityoophiyaan damecharraa galii olaanaa argachuu dandeessisa jedhaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Adde Warqinaash Birruu gama isaaniin, hordoftoota Amantaa Kiristaanan baga Ayyaana Cuuphaa geessan jedhaniiru.
Aadde Warqinash ayyaanichi hariiroo ummata kan cimsu ta’uus eeruu TOI gabaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.