Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Cuuphaa mallattoo qulqullummaafi dhiifamaa taโ€™ee waggaa waggaan yaadatama-Aadde ๐’๐š’๐š๐š๐๐š๐š ๐€๐›๐๐ฎ๐ซ๐š๐ก๐ฆ๐š๐š๐ง

Finfinnee, Amajjii 10, 2015(FBC)- Afyaaโ€™iin Caffee Oromiyaa Aadde ๐’๐š’๐š๐š๐๐š๐š ๐€๐›๐๐ฎ๐ซ๐š๐ก๐ฆ๐š๐š๐ง Ayyaana Kataraafi Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti Kiristoos Laga Yoordaanusitti guyyaa itti cuuphame yaadachuuf kan kabajamu ta’uu eeruun, mallattoo qulqullummaafi dhiifamaa taโ€™ee waggaa waggaan yaadatama jedhan.

Guutuun ergaa isaanii akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Kabajamtoonni Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa, Baga Ayyaana Cuuphaa Bara 2015 Nagaan Geessan. Ayyaanni Cuuphaa, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti Kiristoos Laga Yoordaanusitti guyyaa itti cuuphame yaadachuuf ayyaana kabajamu yommuu taโ€™u, mallattoo qulqullummaafi dhiifamaa taโ€™ee waggaa waggaan yaadatama.

Ayyaana kana irratti, ummanni heddumminaan bahee wayita waliin kabaju duudhaalee waldandaโ€™uu qabnu cimsuun, hariiroo waliin jireenyaa tokkummaa keenyaan jabeessaa, aadaan wal bira dhaabbachuu, harka qalleeyyii deeggaruufi waliif birmachuu qabnus duudhaa keenya ganamaafi qabeenya guddaa rakkoo ummata keenyaa ittiin hiiknudha. Kanaaf, lammiilee keenya yeroo ammaa sababa hongeen deeggarsa barbaadan cinaa dhaabbachuun aantummaa qabnuuf akkuma kaleessaa qabatamaan agarsiisuu qabna.

Ummanni keenya, mootummaa isaa cinaa dhaabbatee hojiiwwan misoomaafi galmoota gurguddoo imala keenya dhugoomsan qabannee hojjechaa jirru milkeessuu keessatti kaleessa qooda olaanaa fudhachuun bahachaa tureera. Harโ€™as, hojiiwwan hojjennu hunda keessatti tumsi ummata keenyaa murteessaadha. Kanaaf, hirmaannaa gama kanaan qabnu cimsaa, nageenya qeโ€™eefi naannoo keenyaa mirkaneessuu keessattis qooda keenya adda durummaan bahachuu akka qabnun dhaama.

Caffeen Oromiyaas, qaama sagalee ummataan hundaaโ€™eefi bakka buโ€™ummaa ummataa fudhatee hojjechaa jiru waan taโ€™eef, itti gaafatamummaa dachaa akka qaama mootummaattis taโ€™e, akka bakka buโ€˜aa ummataatti qabu bahachuun aantummaa ummata isaaf qabu yeroo kamiyyuu caalaa kan mirkaneessu taโ€™uun ibsa.

Dhumarrattis, hojiiwwaniifi galmoota gurguddoo qabannee hojjechaa jirru hirmaannaa ummata keenya balโ€™aan deeggarree injifannoowwan kaleessa galmeessine, hojii keenya boruuf galtee guddaa godhannee, guddina biyyaafi naannoo keenyaa saffisiisuu akka qabnu carraa kanaan dhaamsakoo dabarsa. Ayyaanni kun kan milkii, gammachuufi jaalalaa akka isiniif taโ€™uu hawwiin qabu ibsaa, irra deebiโ€™uun Baga Ayyaana Cuuphaa bara 2015n isin gahen jedha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa buโ€™aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.