Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Cuuphaa Ityoophiyaa Galmee Hambaa Kiliyaa Addunyaatti galmaa’un walqabatee sagantaan qophaa’e

Finfinnee, Muddee 12, 2012 (FBC) – Ayyaanni Cuuphaa Ityoophiyaa Galmee Hambaa Kiliyaa Addunyaa tahuun Mootummoota Gamtoomanitti dameen Barumsaa, Saayinsiifi Aadaa UNESCO  galmaa’uun walqabatee galma Barkumeetti waltajjiin qophaa’e.

 

Waltajjicharratti Injiinar Taakkalaa Uumaa dabalatee hoggantoota abbootii amantaa, hoggantoota olaanoo magaalaa fi federaalaa akkasumaas hordooftoonni amantichaa hirmaataniiru.

 

Itoophiyaan hanga ammaatti hambaalee kiliyaa sadii ayyaana Masqalaa, Fiichee Cambalaa fi Sirna Gadaa UNESCOtti galmeessiftee jirti.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.