Ayyaanni cuuphaa duudhaa amantaa fi aadaatti dabalataan hambaa addunyaa ta’eera-Obbo Qajeelaa Mardaasaa
Finfinnee, Amajjii 11, 2015 (FBC)- Duudhaalee amantaaleen hundi qaban gaarummaaf itti faayadamuu qabna jechuun Ministirri Minnisteeraa Aaadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan.
Obbo Qajeelaan Ayyaana Cuuphaa Finfinnee Hurufa Boombiitti kabajameerratti ergaa dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin Yesuus Kiristoos qajeelummaan gadi bu’ee harkaa Yohaannisitti cuuphamuun, daandii namni akka of haaromsu, of jijjiiruu fi of fayyisuu akkasumas gaarumma akka raawwatuuf fakkeenya ta’eedha jedhan.
Duudhaalee amantaaleen hundi qaban gaarummaaf itti fayyadamuu qabna jechuuni Obbo Qajeelaan ergaa isaniin ibsaniiru.
Amantaan siyaasarraa walabaa kan jedhan Obbo Qajeelaan, amantaa fi siyaasni walmakuu fi amantaa siyaasaaf itti fayyadamuun sirri akka hintaanee hubachiisaniiru.
Naannawaalee ayyanonni amantaa itti kabajaman hundi qulqulluu waan ta’aniif kabajamuu qabu jedhaniiru.
Ayyaanni Cuuphaas duudhaalee amantaa fi aadaatti dabalataan hawwata tuuriizimii ta’uun sadarkaa idil addunyaatti galmaa’uu kaasaniiru.
Kanaaf duudhaalee amantaa fi aadaa keenya eeguu fi dagaagsuu qaban jechuun dhaamaniiru.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.