Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Cuuphaa ayyaana addunyaarraatti maqaa keenya waamsisuu fi miidhagina keenya – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Amajjii 10, 2015 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen ayyaana Kataraa fi Cuuphaa sababeeffachuu ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa bakka itti walgeenyu, ayyaana tokkommaa fi jaalalaati jedhan.

Ayyaanni Cuuphaa ayyaana addunyaarraatti maqaa keenya waamsisu, miidhagina keenya agarsiisu,agarsiiftuu tokkummaa fi eenyummaati jedhan.

Duudhaa miidhagaa amantaa fi aadaa daawwattoonni addunyaa raajiif miil’atan ta’uu ergaa isaaniin ibsaniiru.

Ayyaana Finfinneen miidhagaratti miidhagatti itti goonfattu, jiraattoonni waloon kabajan, daawwattoonni hedduun itti keessummaa’aan, magaalittiin kallattii hundaan akka abaaboo itti daraartu, eebba abbootii fi haadhoolii itti argattuudha jechuun ibsaniiru.

Aadde Adaanach,tokkummaa keenyaa nageenya waaraaf, jaalalaa fi walkabajuun Ityoophiyaa yaa tiksinu, tumsaa fi hojii cimaan Ityoophiyaa ol yaa kaafnu jechuun ergaa dabarsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.