Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Caamsaa 20 waggaa 29ffaan guutuu biyyaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Ayyaanni Caamsaa 20 waggaa 29ffaan guutuu biyyaatti kabajamaa jira.
 
Yaadannoo ayyaanichaa sababeeffachuudhan har’a ganama magaalaa Finfinneetti madfiin dhukaafameera.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadis ayyaanicha sababeeffachuun kaleessa ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
 
Dooktar Abiy ibsichaan Caamsaa 20 guyyoota seenaa Ityoophiyaa jijjiiran keessaa tokko ta’uu eeraniiru.
 
Ityoophiyaa demokraatawa, haqa qabeettii fi naga qabeettii ijaaruuf qabsaa’onni hedduun lubbuu fi qaama isaanii aarsaa itti godhaniiru jedhan.
 
Kaayyoon wareegama kaffalaniifis hacuuccaa, dararaa, loogii fi aantummaa gartokkee hambisuuf ture.
 
Walqixxummaa, tokkummaa garaagartummaa kabaje, fayyadamtummaa haqa qabeessaa fi badhaadhina waloo ijaaruuf ture jedhan muummee ministiraa.
 
Ayyaanicha kan kabajnus kaayyoowwan qabsoo kanneen sammuutti qabannee; jijjiirrama gara fuula duraa yaadaa fi irratti hojjechaa ta’uu qaba jedhan.
 
Kaayyoo qabsaa’otaa qabannee Ityoophiyaa gara fuula duraatti; Caamsaa 20 Caamsaa 22tti ceesisuu malee, Caamsaa 20 Caamsaa 19tti yookin duubatti deebisuu ta’uu hin qabu.
 
Ityoophiyaa rakkoo keessa jirtuu baasudhaan badhaadhinatti ceesisuun milkiisheerratti hojjechuu qabnas jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.