Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanaaf dhiyeessiiwwan barbaachisaan hawaasaaf dhiyaachaa jiru-Biiroo Daldalaa Finfinnee

Finfinnee, Hagayya 30, 2014 (FBC) – Magaalaan Finfinnee Ayyaanaa walqabatee qaala’aiinsi gatii akka hinmudanneef meehshaalee bu’uuraa nyaataa murtaa’an hawaasaaf dhiyaachaa jiraachuu Biiroon daldalaa magaalattii beeksiseera.

Hogganaan biirichaa Adam Nuurii FBC’f akka himanitti, ayyaana jijjirama bara haaraan walqabatee shaqaxootaa nyaataa irratti hanqinnii dhiyeessii akka hinmudannee fi qaal’aiinsi akka hinmudanneef hojjetamaa jira.

Hojichis, dhiyeessii, to’annoo bittaa fi gurgurtaa, sadarkaa magaalaa hanga kutaa magaalatti odeeffannoon waljijjiiruun ta’uu ibsaniiru.

Meeshaalee bu’uuraa hawaasaaf dhiyaataa jiranis, oomishaalee indaastirii fi qonnaa ta’uu ibsanii, hanqinni dhiyeessii akka hinmudanne yuuniyenoota hojii gamtaa naannolee fi warshaalee waliin hojjechaa jiraachaa jiraachuu himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.