Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Shawaal- Iid ilaalchisee magaalaa Harar qulqulluu fi miidhagduu taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Ayyaana Shawaal- Iid ilaalchisee magaalaa Harar qulqulluu fi miidhagduu taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Manni Qopheessaa magaalichaa beeksise.

Ayyaana Shawaal-Iid bara kana haala ho’aa ta’een kabajamu ilaalchisee magaalicha qulqulluu fi miidhagduu taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu hojii gaggeessaan dhabamsiisa balfa goggogaa fi misooma iddoowwan magariisaa magalichaa Ibraahiim Ahimad ibsaniiru.

Hojiin qarqara daandii asphaaltii, addabaabaayiiwwanii fi bakkeewwan seena-qabeessa miidhagsuu fi haaromsuu xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jiraachuu eeruu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Hojiin magaalicha qulqulluu fi miidhagduu taasisuu cimee kan itti fufu ta’uu ibsuun, hawaasni bu’uuraalee misoomaa naannoosaa eeguu fi kunuunsuun itti gaafatamummaa isaa akka ba’atu yaadachiisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.