Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Shawaal Iid haala addaan kabajuuf qophiin taasiifamaa jira-Obbo Ordiin Badiri

Finfinnee, Eebla 9, 2015 (FBC) – Naannoo Hararii Ayyaana Shawaal Iid bara kanaa haala addaan kabajuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ordiin Badiriin ibsan.

Sirni kabaja ayyaannichaa karaa milkii qabuun akka xumuramu qaamoleen dhimmi ilaallatu xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Obbo Ordiin Badiriin hubachiisaniiru.

Obbo OrdiinBadiriin kabaja ayyaanichaa ilaalchisee dhaabbilee garaagaraa naannicha keessatti argaman waliin mari’ataniiru.
Ayyaanicha bifa addaan kabachuuf qophii gahaa taasiisuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Akkaataan aadaa, seenaa fi duudhaa Hararii beeksisuun kabajamuuf sagantaaleen adda addaan kan raawwataman ta’uu kaasaniiru.
Bifa obbolummaa fi waldanda’uu ibsuun kabajuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Koreen Hundaa’ee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Obbo Ordiin Kabajni Ayyaana Shawaal Iid akka milkaa’uuf hawaasni naannichaa qooda isaa akka ba’u gaafachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.