Ayyaana saba fi sablammoota wayita kabajnu summii jibbiinsaa fi qoqqoodiinsaa ABUT gidduu keenyatti facaase qulqulleessuunii-Preezdaant Shimallis
Finfinnee, Sadaasa 28, 2014 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan kabaja ayyaana guyyaa saba fi sablammoota sababeeffachuun erga baga gammaddanii dabarsaniiru.
Guutuun ergichaa akka argaan gadiitti dhiyaateera.
Baga jala bultii guyyaa ayyaana Sabotaa, Sab-lammootaafi Ummattoota Itoophiyaa yeroo 16ffaaf kabajamuun nagaan geessan. Sadaasni 29 guyyaa Heerri Mootummaa FDRI itti ragga’e, kan eenyummaa, aadaa, duudhaa, afaanii fi mirga ofiin of bulchuu wabii itti argate waan ta’eef, uummata Itoophiyaatiif guyyaa addaati.
Ayyaana kana yommu kabajnu summii jibbiinsaa fi qoqqoodiinsaa murni TPLF waggoota 27n darbaniif gidduu keenyatti facaase qulqulleessuun boqonnaa haaraa tokkummaa keenyaan Itoophiyaa sab-daneettii, badhaatuu fi hunda keenyaaf mijooftuu taate ijaaruuf waadaa keenya haaromsuun ta’uu qaba. Sab-daneessummaan keenya madda tokkummaa fi faayaa Itoophiyummaan keenya addunyaarratti bareedee itti mul’atu malee madda wal-dhabdee fi wal-gaarreeffannaa ta’uu hin danda’u.
Hata’u malee, murni TPLF shiraaf uumammee shiraan guddate sabadaneessummaa keenya gochaa hammeenyummaaf fayyadamuun gidduu keenyatti obbolummaan hafee wal shakkiifi garaagarummaan akka dagaagu summii jibbiinsaa facaasaa ture. Sirni federaalizimii dhugaa hojiirra akka hin oolle gochuun mirga ofiin of bulchuu sarbuun, haq-maleessummaa diriirsuun olaantummaa murna tokkoo lafa qabsiisaas ture.
TPLF fincila diddaa cunqursaa fi saamichaa ummattoonni Itoophiyaa waloon taasisaniin aangorraa kan darbame yoo ta’u, ummattoota gidduutti wal-fixiinsi akka uumamu, nagaa fi tasgabbiin akka hin jiraannee fi Itoophiyaan diigamtee kaartaa addunyaarraa akka dhabamtu taasisuuf dhagaan hin fonqolchine hin jiru. Akeeka kana galmaan gahachuuf waraana bakka bu’iinsaa nutti banuun gochaa baandummaa seenaan hin daganne raawwatee jira. Gochi baandummaa nurratti raawwate kun yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa keenya utubaa sibilaa waan godheef aggaammii keessaa fi alaan nutti roobaa ture ofirraa qolachuun daandii injifannoorratti argamna.
Ayyaana sabootaa, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa marsaa 16ffaa kabajuuf kan jennu, humna badii fi farra tokkummaa keenyaa kan ta’e TPLF fi ergamtuu isaa Shanee fi fakkaattoota biroo awwaaluuf boollarraan yeroo geenyetti waan ta’eef, kan ayyaana itti kabajnu duwwaa osoo hin taane, diinoota keenya boollarra gahan kanneen hundeerraa buqqisuun boqonna haaraa obolummaa dhugaan gara badhaadhina walootti itti ceenu saaquuf waadaa keenya kan itti haaromsisnuudha.
Bu’uura kanaan, guyyaan Ayyaana SSUI bara kana yeroo 16ffaaf kabajamu kun mata duree “Obbolummaan Tokkummaa Sabdaneessummaaf” jedhuun kan kabajamu yoo ta’u, kaayyoon isaas tokkummaa fi obbolummaa, fayyadamummaa haqa-qabeessaafi sabdaneessummaa cimsuun hawaasa siyaas-dinagdee tokkoo uumuudha.
Dhumaratti, Saboonni, Sab-lammoonniifi Ummattoonni Itoophiyaa heddumminni keenya midhagina ta’uu hubannee tokkummaan harka walqabannee Itoophiyaa badhaate ijaaruu keessatti dirqama seenaa waan qabnuu shoora nurraa eegamu haa baanu jechaa, irra deebiidhaan baga jala bultii kabaja ayyaana Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaan nagaan geessan!
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
Sadaasa 28/2014
Finfinnee
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.