Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Qilleef hanqinni dhiyeessii omishaalee akka hinmudanne hojjetamaa jira- Biiroo Daldalaa Oromiyaa

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)-Ayyaana Qilleetti hanqinni dhiyeessii omishaalee akka hinmudanne hojjechaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Oromiyaa beeksiseera.

Biirichatti Daayrektarri Gabaa Obbo Galatee Caalaa Faanaa Biroodkastiing Korporeetiif akka ibsanitti, hanqinni dhiyeessi omishaalee akka hinmudanneef Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee waliin hojjetamaa jira.

Gabaa tasgabbeessuuf magaaloota Naannoo Oromiyaa gurguddoo hundaa keessattis gabaan Dilbataa hundaa’uun oomishaleen garaagaraa qonnaan bultootarraa kallattiin shammatootaf dhiyaacha jiraachuu ibsaniiru.

Dhiyeessii omishalee qonnaan walqabatee Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee dabalatee Magaaloota Oromiyaa guguddoo keessatti omisha kuduraa fi muduraalee, horii dhaabbii fi bu’aalee beeyladoota dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhan.

Hanqinni dhiyeessaa meeshaaleen bu’uuraas akka hinmudanne, qala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf Waldaalee Hojii Gamtaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraaniiru.

Ayyana Qilleen walqabatee baazaariin har’arraa eegalee bakkeewwan garaagaraattis banamu Obbo Galateen himaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.