Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Qillee sababeeffachuun leenjitoonni dargaggoota tola ooltotaa namoota harka qalleeyyii 400 oliif affeerraa laaqanaa taasisan

Finfinnee, Muddee 29, 2014 (FBC) – Leenjittootni dargaggoota tola ooltootaa Ministeera Nageenyaatiin marsaa 3ffaadhaaf Yuunvarsiitii jimmaa Inistiitiyuutii Teeknooloojii keessatti guyyoota 45niif fudhachaa jiran namoota harka qalleeyyii 400 oliif affeerraa laaqanaa taasisaniiru.

Sirnicharratti keessuummootni argamuun dargaggoota kanneen galatoomfataniiru.

Dargaggootni kunneen hojii tola ooltummaa hawaasaa ammarraa jalqabuun hawaasa isaanii guutuu biyyaa keessa jiru tajaajiluuf qophii ta’uu isaaniitiif sirni kun agarsiftuu ta’uu qindeessituun leenjichaa aadde Tigist Haaylemaariyaam ibsaniiru.

Guutuu biyyattirraa dargaggootni kuma 1 fi 300  ol marsaa sadaffaaf leenjii tola ooltummaa hawaasaa  fudhachaa kan jiran yoo ta’uu hanga yoonaatti dargaggootni kuma 17 ol leenjii fudhachuudhaan hawaasa tajaajilaa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Abdurehmaan Mahammadtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.