Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Qillee haala kanaan akka kabajnu Ityoophiyaanoota lubbuu isaanii kaffalaniif kabajatu mala – Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Muddee 29, 2014 (FBC) – Ayyaana Qillee haala hoo’aa ta’een magaalaa Laallibalaatti akka kabajnu Ityoophiyaanoota lubbuu isaanii kaffalaniif kabajatu mala jedhan Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.

Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen magaalaa Laallibalaatti argamuun kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin Ayyaana Qillee kabajaniiru.

Preezdaant Saahilawarq Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaa duula birmadummaan lubbuu isaanii wareeguun Ayyaanni Qilleen sirna hoo’aa ta’een akka kabajamu nu taasiisaniif kabajatu mala jedhan.

Waliin taanee Ayyaana Qillee Laallibalaatti, Cuuphaa Goondaritti, Irreechaa Bishooftuutti, Mawuliidaa fi Arafa Alnajaashitti, Maariyaamii Tsiyoon Aksumitti, Cambalaalaa Hawaasatti fi kanneen biroo ni kabajna jedhan.

Ityoophiyaan weeraroota garaagaraa qolachuun hambaalee ishee of eeggannoon tiksaa turuu kaasaniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.