Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Qillee fi Cuuphaatti hanqinni dhiyeessii akka hinmudanneef koreen to’annoo taasisu hojii eegale

Finfinnee, Mudde 19, 2015 (FBC)- Ayyaana Qillee fi Cuuphaatti hanqinni dhiyeessii akka hinmudanne koreen to’annoo fi hordoffii taasisuuf hundeeffame hojii eegaluu Biiroon Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise

Itti Gaafataman Waajjiraa Biirichaa Obbo Adaanee Sulee dhiyeessiin oomishaa fi fedhiin akka wal hinbuusneef aayyaanota dursuun xiyyeeffannaa addaan hojjechuun barbaachisaa waan ta’eef korichi hoojii eegaleera jedhan.

Qaamoleen dhimmichi ilaallatus gamanumaa oomishaalee jiran akka raabsanii fi naannawaa qophaa’een akka ga’an waamicha dhiyeessaniiru.

Dhiyeessii omishaa cinaattis, hordoffii fi to’annoo qulqullinaa, gatii fi baay’inaarratti kan hojjetamu ta’uu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Ayyaanota giddugaleeffachuun oomishaalee qonnaa fi indaastirii hawaasa shamattootaaf deeggarsaan dhiyaataan akka hinhanqanne to’annoon taasifamuu akka qabu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.