Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Iid Shawaal sababeeffachuun Baazaarii fi Agarsiifni aadaa magaalaa Harariitti baname

Finfinnee, Eebila 30, 2014 (FBC) – Ayyaana ‘Iid Shawwal’ sababeeffachuun Baazaarii fi agarsiifni Aadaa magaalaa Harariitti banameera.

Agarsiisaa fi Baazaarii Aadaa kana Preezdaantiin Naannoo Hararii obbo Oordiin Badrii fi Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaan bananiiru jedhame.

Gareen Aadaa Naannoolee ollaa shananii Hararii, Oromiyaa, Afaar, Somaalee fi Argobbaa shubbisa Aadaa isaanii dhiheessaniiru.

Qaama Waamicha gara biyyaa Iid hanga Iid kan ta’ee ayyaanni saba Hararii Iid Shawaal haala hoo’aa ta’een kabajuuf agarsiifni aadaa fi Baazaarii kun saaqamuu himameera.

Ayyaanni Iid Shawaal ayyaana Iid Alfaxiir booda guyyaa jahaaf soomamuun aadaa fi amantaa karaa walitti hidhuun kan kabajamu yoo ta’uu, ayyaannichi bara kana hawaasa Diyaaspooraa waliin kabajamaa jira.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.