Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Daamaraafis ta’ee sababa addaan Richiitii dhukaasuun dhorkaadha – Poolisii

Finfinnee, Fulbaana 14, 2014 (FBC) – Ayyaana Daamaraafis ta’ee sababa addaan Richiitii dhukaasuun dhorkaa ta’uu Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksiise.
Ayyaanoota sababeeffachuun Richiitii dhukaafamu uwwisa taasiisuun qaamoleen nageenya booreessuuf fedhii qaban meeshaalee waraanaa seeraan ala bitan dhukaasuun yaalii taasiisuun sodaa nageenyaa kan uuman ta’uu Komishinichi ibseera.
Gochaa seeraan alaa ittisuuf Ayyaana Daamaraa Fulbaana 16, 2014 kabajamuuf namni dhuunfaa fi dhaabbileen kamiiyyuu eeyyama malee Richiitii dhukaasuun dhorkaa ta’uu hubachuun hawaasni tumsa taasiisuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.
Kana dura qaamoleen ajeja darbe cabsuun Richiitii dhukaasan seeraan gaafatamuu isaanii Komishinichi ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.