Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana bara haaraatti balaan ibiddaa osoo hin uumamiin darbuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 2, 2015(FBC)- Ayyaana jijjiirraa bara haaraatti balaan ibiddaa osoo hin uumamiin ayyaanichi nagaan darbuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Tasaafi Ibiddaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Hawaasni odeeffannoowwan ofeeggannoo haalaan hojiirra waan oolcheef komishinichi galateeffateera.

Jala bultii ayyaanichaatti kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo aanaa 6 Giddugala Bashannanaa keessatti halkan keessaa naannoo sa’aatii 4:20 osoo xomboora jiidhaa irratti beenziilli naqamee osoo  gubamuu balaan ibiddaa uumamuu Ogeessi sab-quunnamtii komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo ibsaniru.

Eeruu komishinicha qaqqabeen hojjettoonni komishinichaa bakkichatti argamuun ibiddichi babal’atee miidhaa osoo hin qaqqabsiisiin dura to’achuu eeraniiru.

Gama biraatiin guyyuma walfakkaatu maanguddoon umrii 60 Sidist Kiiloo naannoo bakka Bashannanaa  “Haamilee 19” jedhamee beekamutti bo’oo dhabamsiisa balfaa keessatti kufuun lubbuun darbee argamuu kaasaniiru.

Poolisiin reeffa isaanii fudhee qorannoo irratti gaggeessaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

Wayita balaan tasaafi ibiddaa uumamu hawaasni gama toora bilbila bilisaa 939, toora bilbilaa 011 155 53 00 yookan ammo 011 156 86 01irratti bilbiluun eeruu kennuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.