Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana bara haaraa ummata Gaamoo ‘Yoo Maasqaala’ ‘UNESCO’tti galmeessisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (FBC) – Ayyaana bara haaraa ummata Gaamoo ‘Yoo Maasqaala’  ‘UNESCO’tti galmeessisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame.
 
Ayyaana bara haaraa ummata Gaamoo Dhaabba Mootummoota Gamtoomanii Barnootaa, Saayinsii Fi Aadaa ‘UNESCO’tti galmeessisuuf hojjetamaa jiraachuu itti gaafatamaan Aadaa fi qajeelcha Ispoortii godina Gaamoo obbo Zannabe Bayyanaa ibsaniiru.
 
Bara kana yaa’iinsi Turistootaa olaanaa ta’uu eeraniiru.
Kunis tattaaffii Abbootii Gaamoon ta’uu himaniiru.
 
Akka Koominikeeshiniin godinichaa beeksiseetti bara kana Turiizimiirraa galiin miiliyoonni 98 ol argameera.
 
Godinichi iddoolee hawwata Turistii hedduu qabaachuu itti aanaa bulchaan godina Gaamoo obbo Birhaanuu Zawdeen dubbataniiru.
 
Nageenya, aadaa, duudhaalee, qabeenya ummamaa fi namtolchee ummanni godinichaa qabu addunyaatti beeksisuun carraa hojii uumuu, guddina diinagdee fi hawaasummaaf shoora olaanaa qabachuu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.