Fana: At a Speed of Life!

Ayarlaandi Adeemsa maree biyyaalessaa Itiyoophiyaa deeggaruuf murannoo qabaachuu ibsite

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC) – Ayarlaandi Adeemsa maree biyyaalessaa Itiyoophiyaa kallattii garaagaraan deeggaruuf murannoo qabaachuu beeksifte.

Ministirri Muummee Itti Aanaa, Ministirri Alaa fi Ministirri Raayyaa Ittisaa Ayarlaandi Miisheel Maarti Komishinii Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa daawwataniiru.

Haala qabatamaa adeemsa marichaa ilaalchisee Komishinarri Olaanaan Komishinii Maree Biyyaalessaa Piroofesar Masfin Ara’ayaan Miisheel Maartiif ibsa taasiisaniiru.

Ministirri Muummee Itti Aanaa, Ministirri Alaa fi Ministirri Raayyaa Ittisaa Ayarlaandi Miisheel Maarti gama isaaniin adeemsa ijaarsa nageenyaa Ayarlaandi ilaalchisee muxannoo qoodaniiru.

Ayarlaandi adeemsa maree biyyaalessaa Itiyoophiyaa kallattii garagaraan deeggaruuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.