Ayarlaand Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaaf kan oolu Yuuroo miiliyoona 2 deeggarsa taasiifte
Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Ayarlaand Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaaf kan oolu Yuuroo miiliyoona 2 dabalataan deeggarsa taasiifteerti.
Deeggarsi kun lammiilee sababa walitti bu’iinsaan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun iddoolee garaagaraa qubatanii argamaniif kan oolu ta’uu ibsameera.
Deeggarsichi gama Waldaa Qaaxxamura Diimaa Idil Addunyaan kan raabsamu yoo ta’uu, deebii deeggarsa namoomaaf taasiifamu guddisuuf qooda qabaachuu ragaan Ayarlaandiitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.