Fana: At a Speed of Life!

Axaayyee fi naannichaatti qabeenyoota barbadaa’an deebisanii dhaabuuf Birrii biiliyoona 1.5 ol akka barbaachisuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 16, 2013 (FBC)- Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa aanaa Efirataa fi Gadam magaalaa Axaayyee fi naannochatti qabeenyoota barbadaa’an deebisanii dhaabuuf Birrii biiliyoona 1.5 ol akka barbaachisuu ibsameera.

Kanneen keessaas Birrii biiliyoona 1.1 deebisanii dhaabuuf kan oolu yoo ta’u, haftee isaammoo deebii yeroo aarifachiisaa kan barbaachisuu ta’uu ibsameera.

Miidhaa magaalaa Axaayyee fi godina bilchiinsa sabaa Oromootti qaqqabee qulqulleessuu fi ijaaruuf koreen hundaa’ee gabaasa dhiyeesseen ibseera.

Itti aanaan walitti qabaa korichaa obbo Birhaanuu Zaawduu lubbuun lammiilee 281 kan darbee yoo ta’u, namoota 197 irraa ammoo miidhaan qaama qaqqabuun wallansaa argachaa akka jiran himaniiru.

Naannichaatti manneen kumni 3 fi 73 kan barbadaa’aan yoo ta’u, magaalaa Axaayyee qofatti manneen kumni 1 fi 529 barbada’uu ibsameera.

Mariin hojii deebisanii dhaabuurratti  xiyyeeffate gaggeeffameera.

Yismaaw Adaraatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.