Fana: At a Speed of Life!

Awwaash Fantaalleetti kirkirri lafaa Reektar Iskeeliin 5.3 mudate

Finfinnee, Mudde 25, 2017 (FMC) – Har’a galgala kana naannawaa sa’aatii 2:01 Awwaash Fantaalleetti kirkirri lafaa Reektar Iskeeliin 5.3 mudachuu Yuuniversiitiin Finfinnee beeksise.

Hoollannaan isaa magaalaa Finfinneetti dhagahamuu himeera.

Naannawichatti Kirkirri lafaa hammaan garaagara ta’e irra deddeebiin mudachaa jiraachuu Yuunivesiitii Finfinneetti Itti Gaafatamaan Kutaa Barnoota Seesmooloojii Piroofeesar Attaalaay Ayyalaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Guyyaa har’aa waaree booda sa’aatii 11:27 irratti kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 5.2 galmeesse kan mudate ta’uu fi halkan kana sa’aatii 2:01 irratti ammoo Reektare Iskeeliin 5.3 mudachuu eeraniiru.

Kirkirri lafaa irra deddeebiin mudachaa jiru kun jiraattoota naannawicharratti miidhaa akka hin qaqqabsiifne hordoffiin barbaachisu taasifamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Yeshaambal Mihiratiitu gabaase.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.