Awutoobisii magaalaa kuma 2 oomishuuf waliigalteen mallattaa’e
Finfinnee, Bitootessa 11, 2015 (FBC) – Garee Injinariingii Ityootti Indaastiriin Oomisha Konkolaattootaa Bishooftuu fi Dhaabbanni Chaayinaa Yootooniing jedhamu Awutoobisii magaalaa Kuma 2 oomishuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Indaastirichi Konkolaattoota Paabilik Sarvisii, Shaggar, Anbassaa dabalatee konkolaattoota ummataa moodeelii garaagaraa qaban tajaajila Manaa fi Biiroof oolaana oomishaa jira.
Waliigaltee kanaan Indaastiriin Oomisha Konkolaattootaa Bishooftuu galteewwan konkolaattoota kuma 2 oomishuuf dandeessisan argata jedhameera.
Waliigaltichi Indaastirichi dandeettii oomisha isaa akka dabaluuf qooda qabaachuu eerameera.
Konkolaattoonni kunneen teessowwan 40 kan qabanii fi namoota 100 -120 imalchiisuu kan danda’an ta’uu himameera.
Akkasumas haala qilleensaa Ityoophiyaaf mijatoo ta’uu isaanii eerameera.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Garee Injinariingii Ityoo Ambaasaaddar Suleemaan Daddafoo fi Ityoophiyaatti bakka bu’aan Dhaabbata Yootooniing waliigalticha mallateessaniiru jedhame.
Barakat Takkaalinyitu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.