Fana: At a Speed of Life!

Awustiraaliyaan talaalli eegalteen yoo milkoofte lammiilee isheef tola kennuuf murteessite, Kooriyaan Kibbaa ammoo tarkaaffii too’annoo cimsite

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC)  – Awustiraaliyaan talaalli Covid -19 eegalten yoo milkoofte lammiile sheef tola kennuuf murteessite.
 
Talaallii Covid-19 argachuutti dhiyaachuu kan himtu Awustiraaliyaan, wayita xumurte ummata ishee hundaaf tola akka kennitu ibsiteerti.
 
Talaallii kana dhaabbata qorichaa ‘AstraZeneca’ fi Yuunversiitiin Oksifoord waaliin ta’uun hojjechaa jiru.
 
Muummeen Ministiraa biyyattii Ikoot Morisan daawaan kun sadarkaa yaaliitti milkaa’uu ibsan.
 
Talaalliin ‘AstraZeneca’ milkaa’ee oomishamee ba’e taanaan, ummata Awustiraaliyaa hundaaf bilisaan laanna jedhan.
 
Talaalliin kun bu’aa qabeessa taanaan talaallamuun dirqama ta’as jedhan.
 
Biyyattiitti hanga ammaatti namoota kuma 23 fi 993 vaayrasii koroonaan qabaman keessaa lubbuun namoota 450 darbeera.
 
Oduu biroon Kooriyaan Kibbaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tarkaaffii to’annoo cimsitee jirti.
 
Magaala guddoo Kooriyaa Kibbaa See’uulitti manneen dhugaaatii fi shubbisaa dabalatee,iddoo namoonni itti heddummatan cufamaniiru.
 
Kooriyaan Kibbaa biyyoota weerara vaayrasichaa too’achuun milkaa’an keessaa tokko turte.
 
Guyyaa kaleessaa biyyattiitti namoonni haaraan 246 vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 15,761 qaqqabeera.
 
Guyyaa har’aa irraa eegalee hojiiwwan biizinasii gurguddoo ta’an cufamuu fi namoonni iddoo tokkotti akka walitti hin qabamne daanga’eera.
 
Manneen amantaattis namoonni akka walitti hn qabamabne dhorkameera.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.