Fana: At a Speed of Life!

Awurooppaatti hongeen tajaajila geejjibaa galaanarraa danquu gabaafame

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC)- Hongeen Awurooppaatti mudate tajaajila geejjiba galaanarraa danquu gabaafame.

Ardichatti sababa hongeen hangi bishaan haroowwaniifi laggeenii hir’achuun tajaajila geejjibaa galaanarraa rakkoo keessa galchuu CGTN gabaaseera.

Sababa kanaan biyyoonni akka Jarman meeshaalee barbaachisoo oomishaalee anniisaa isaanii geejjibsiisuuf geejjiba galaanarraarra geejjiba baaburaa filachaa jiraachuu ibsameera.

Sarbiyaattis bishaan haroo Nooviisaad hir’achuu isaarraan kan ka’e   bidiruuwwan sochii dhaabanii jiraachuu eerameera.

Dabalataanis hangi bishaanii haroowwan Faransaay Daanyuubiifi Looyar hir’achuu isaan bidiruuwwan hojii dhaabanii jiraachuu gabaafameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.