Fana: At a Speed of Life!

Atleetoonni Ityoophiyaa Olompikii Tookiyoof qophii ga’aa taasiisaniiru- Komaandar Atleet Daraartuu Tulluu

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2013 (FBC) – Atleetoonni Olompikii Tookiyoorratti Ityoophiyaa bakka bu’an 30 qophii ga’aa taasiisuu Preezdaantiin Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Komaandar Atleet Daraartuu Tulluu ibsaniiru.
Komaandar Atleet Daraartuu Tulluun Olompikii Tookiyoorratti Atleetoonni Ityoophiyaa bakka bu’an 30 baatiwwan 8 darbaniif qophii ga’aa taasiisuu himaniiru.
Ga’umsa Atleetoota kanneenii madaaluuf Shaampiyoonaan Atleetiksii Ityoophiyaa fi Heengilootti dorgommiin gaggeeffamuu ibsaniiru.
Dorgommii kanneeniin Atleetoonni tokko tokko sa’aatii fooyya’aa galmeessuu eeraniiru.
Atleetoota dorgommii madaallii ga’umsaan sa’aatii fooyya’aa galmeessiisan filachuun qophiin taasiifamaa turuu Preezdaantiin Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Komaandar Atleet Daraartuu Tulluun ibsaniiru.
Dorgommii Olompikii Tookiyoorraattis bu’aa gaarii kan abdatan ta’uu kaasaniiru.
Akka EBCn gabaaseetti dorgommii fageenya meetira 800 hanga Maaraatoonnitti jiruuf Atleetoonni 30 filatamuun qophii ga’aa taasiisuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.