Fana: At a Speed of Life!

Atleetiin Yuugaandaa Jooshwaa Cheepteegeen riikardii waggoota 15f qabamee ture cabse

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC) – Atleetiin Yuugaandaa Jooshwaa Cheepteegeen meetira kuma kudhaniin riikardii waggoota 15f qabamee ture cabse.

Riikardicha waggoota 15f qabatee kan ture Atleet Qananiisaa Baqqalaati.

Atleetichi riikardicha sakandoota 6n fooyyesseera.

Atleetichi dorgommii meetira kuma kudhanii kana 26፡11፡02 kan xumure yoo ta’u, kanaan dura riikardicha Qananiisaan 26፡17፡53 qabateet ture.

Jooshwaa Cheepteegeen baatidhaan dura meetira kuma 5n riikardii Qananiisaa Baqqalaatin qabamee ture cabsuun isaa ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.