Fana: At a Speed of Life!

Atleet Qananiisaa Baqqalaa fi Almaaz Ayyaanaa Fiigicha Maaraatoonii Landan Dilbata dhufu gaggeeffamurratti ni hirmaatu

Finfinnee, Eebla 13, 2015 (FBC) –Atleet Qananiisaa Baqqalaa fi Almaaz Ayyaanaa Fiigicha Maaraatoonii Landan 2023 Dilbata dhufu gaggeeffamurratti ni hirmaatu jedhameera.

Atleetoota Dhiiraa Maaraatoonii Landan Eebla 15, 2015 gaggeeffamurratti hirmaatan keessaa Atleet Qananiisaa Baqqalaan tilmaama injifannoo argateera.

Fiigicha kanarratti Atleetoonni Ityoophiyaa Taammiraat Tolaa, Li’uun Gabrasillaadee, Mussinnat Garramoo fi Birihaanuu Laggasaanis ni hirmaatu jedhameera.

Atleet Moo Faaraahin dorgomichaan Atleetoota Ityoophiyaaf kanneen morkataa cimaa ni ta’u jedhaman keessaa isa tokko ta’uu eerameera.

Dorgommii Maaraatoonii Landan dubartoota gidduutti gaggeeffamuun ammoo Atleet Almaaz Ayyaanaa fi Yaalemzarfi Yewaalaan Atleetoota tilmaama injifannoo argatan keessaa isaan duraati.

Atleet Ganzabee Dibaabanis fiigicha kanarratti ni hirmaatti jedhame.

Morkii dubartoota gidduutti Dilbata dhufu taasifamu kanaan Atleetoonni Keeniyaas tilmaama injifannoo argataniiru.

Dhalattuun Ityoophiyaa lammiin Neezarlaand Atleet Siifan Hasanis fiigicha Maaraatoonii kanaan morkattuu cimtuu taati jedhamtee eegamti.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.