Fana: At a Speed of Life!

Atleet Lammeechaa Girmaa fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 meedaaliyaa Meetii Ityoophiyaaf argamsiise

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa Ooriiganitti gaggeeffameen Atleet Lammeechaa Girmaa Ityoophiyaaf meedaaliyaa Meetii dabalataa Ityoophiyaaf argamsiiseera.

Dorgommii xumuraa fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 dhiirota gidduutti barii kana gaggeeffameen Atleet Lammeechaa Girmaa sadarkaa 2ffaa ba’uun meedaaliyaa Meetii Ityoophiyaaf argamsiiseera.

Atleetiin Moorookoo Suufiyaan Eelbaakaan fageenyichaan biyya isaa meedaaliyaa Warqee jalqabaaa argamsiiseera.

Alteetiin Keeniyaa Kiippiruutoon sadarkaa 3ffaa ba’uun Meedaaliyaa Nahaasaa argateera.
Atleet Geetinnat Waalee sadarkaa 4ffaan yoo xumuru, Atleet Hayilamaariyaam Amaaree sadarkaa 10ffaan xumureera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.