Fana: At a Speed of Life!

Atleet Eeluud Kiippichoogeen Atleetii Cimaa BBC bara Faranjootaa 2019 ta’uun filatame

Finfinnee, Muddee 5, 2012 (FBC) – Atleetiin lammii Keeniyaa Eeluud Kiippichoogeen Atleetii Cimaa BBC bara Faranjootaa 2019 ta’uun filatame.

Atleet Eeluud Kiippichoogeen bara kana fiigicha maaraatoonii Awustiriyaa magaala Viiyeenaatti gaggeeffammeen fageenyicha sa’aatii 1:59:42 xummuruun seenaa addaa hojjetee ture.

Dorgommii maaraatoonii Landootti gaggeeffames bara kana yeroo 4ffaaf moo’ateera.

Atleetiin kun Olompikii Rio bara Faranjootaa 2016 gaggeeffameenis maaraatoonii injifchuun riikardii mataa isaa seekoondii 28 fooyyeesse ture.

Atleet Eeluud Kiippichoogeen filannoo ummattaa kallattiin onlaayiniin gaggeeffameen sagaalee caalmaa argachuun filatameera.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.